Waldaan Qorannoo Oromoo haayyota buleeyyii fi gameeyyii Oromoo kan ta’an namoota 33n bara 2022/2015tti hundaaa’e.
Kaayyoon hundeeffama Waldaa Qorannoo Oromoo,argaa-dhageettii Ormoo ragaa fi beekumsa irratti hundaa’e qorannoo gaggeessuu, seeneffama sobaa seenaa Oromoo haaluu yaalan sirreessuu fi maxxansaalee Oromoo hawaasa biraan ga’uu akkasumas qorattoota fi haayyota Oromoof dirree walittidhufeenyaa uumuu fi kkf dha.
Mul’ata
Waggoota shanan dhufan keessatti wiirtuu qorannoo fi beekumsa maddisiisee tamsaasu ta’uudha.
Ergama
Hayyoota, qorattoota, fi lammiilee biyya alaa hundaaf waltajjii waloo hundeessuun wiirtuu qorannoo Oromoo hundeessina.
Kaayyoowwan
Hojiiwwan irra deddeebi’anii fi wal-irra bu’an walitti fiduu fi dhimmoota qo’annoo Oromoo keessatti dhabaman furuu, argaa-dhageettii, dinagdee, siyaasa, falaasama, antiroopooloojii, afaan, aartii, fi ogg-barruu Oromoo walsimsiisuu.
Waaggota lamaan darban keessattis, Hojiiwwan qorannoo dhimma seenaa,aadaa,duudhaa fi Safuu Oromoo irratti hojjechaa kan ture yemmuu ta’u Waltajjii (Forum) yeroo lama kan gaggeesse fi Konfiraansii Ild-Addunyaa yeroo 2 gaggessee jira.
Yeroo amma kanas kitabilee bu’a qorannoo haayyota fi qorattota sena buleeyyimOromoon qabduun barreeffame kitaabilee afur maxxansiisee eebbisiisee dubistoota bira gahee jira.
- “Finfinnee kaleessaa fi har’a deebii saayinsaawaa Haayyotni oftuultotaaf kennan” Afaan /Engiliffa,Afaan Oromoo,Amaariffan)
- In Search of Knowledge: some issues and perspectives on Oromo studies,
- The Gada system of Governance(Seera Caffee Oromoo)
- A Partially Annotated Bibliography of Oromoo studies
Kan jedhu Maxxansuun yeroo amma kana kitaabilee joornaalota fi bu’aalee qorannoo Oromoo irratti barreeffaman baay’inaan 3000 (kuma sadii) ta’an funaanuun cuunfaa barreeffamoota kanaa wajjin maxxansisee jira.
Seenaa Oromoo keessatti isa jalqabaaf “Oromoo Annotated Bibliography” maxxansiisaa jira.
Yeroo ammaa kanas Magaalota Oromiyaa Finfinnee dabalatee,Magaalaa Shaggar,Bishooftuu,Jimmaa Adaamaa,Amboo,Shaashamannee fi Naqamtee keessatti Godoo Kitaabaa(Bookshoop) hundeessaa jira.
Akkasumas Library digitaalawaa Handhuura Oromiyaa Magalaa Finfinnee naannoo daalattii (Arat Kilo) Giddugala gabaa Daalattii(Arat kilo) keessatti kan argamu hojii jalqabsiisee jira
